Eenyutu Maraate?
Maraatuu baayyee keessatti fayyaatu "maraatuu" jedhama. Dhugaa kana Umar Suleemaan ganna 18 dura hime. Yoo waan namooti danuun jaalatan didde ykn waan jarri jibban jaalatte "maraatuu" ykn "gantuu" jedhamuun kee hin hafu. San keessa dabarreetuma dhufne.
An fayyummaa koo tolcheen beeka. Mirkana namaa hin fedhu. Ammoo namiifuu hin oogu. Hagan beeku dhugaafin dhugaa hima. Rakkoo caaseffamaa fi raawwii mootummaa hin haalu.Dhibee fokkisaa guddaatu jira. San qajeelchuuf falmuun sirrii dha. Garuu falmiin bifa biyya diiguun ta'uu hin qabu. Rakkoon fedhe jiraatus Liibiyaa, Yamanii fi Sooriyaa irra Itoophiyaa wayya. Yamanii gara Itoophiyaa fiduu malee Itoophiyaa gara Yamanii geessuun fayyummaa miti! Ruwaandaa dagatuutu dhibee dha! Waan taa'anii fannisan dhaabbatanii buusuun dhibuu mala. Waan dhabne qofa otoo hin taane waan qabnus yaadatuu feesisa. Gaafa kan fannoo buusuuf deemnu kan bobaa qabnu akka hin dhabne!
Hammeenyi haala biyya kanaa namiifuu ifa. Abidda danuutu dibaa jira! Ganna 27 guutuu 'fanjii'-tu awwaalamaa bahe. Sun maqaa amantaa ykn sabaatiin ilmaan namaa nyaatuu heda. Miidiyaa idilee fi miidiyaa hawaasatiin ammoo jibbiinsa fokkuutu lallabamaa ture. Sun qalbii namoota danuu naannessuun miira hadheessera. Dhiyoo ammoo karoorri biyya balleessuu raawwitti seene. Wayyaaneen torban tokko dura maqaa "heera fi federaaliizimii baraaruu" jedhuun waraana labse. Aluulaa Salamoon faati "gaafiin Oromoo hin deebine" jedhanii laphee of-rukutaa nuuf booyan. Gowwaan marartee seyuu mala. Garuu abidda Oromiyaatti qabsiisanii hoo'ifatuu hedu. Silaa nami kana beeku jaraaf karaa hin banu. Hardha madaa keenya laalanii kolfu. Yoo beekaa hin taane nami Jawaar caalaa kiyyoo jaraa beeku hin jiru.
Dubbii gadi-qabanii laaluu feesisa. Gaafa Kibxataa waa lamatu muldhate. Tokko waan LTV irraa dhageenye. Jawaar "Ida'amuun olaantummaa Oromoo saboota biraatti fe'a" jedhe. Akka gaafa OMN "Oromoo balleessa" hin jenne. Waan gochuu heduuf tumsa saboota biraa argatuu akka barbaade ifa. Lama muummicha Ministeeratu paarlaamaa irratti dhugaa dubbate. Jibba fi jeequmsa lallabuu irraa akka of qusatan miidiyaa hundaaf ergaa dabarse. Jawaar garuu dubbicha kophaatti fudhatuun booldha qopheeffatuu himate. Galgala mana Jawaar qophiitu ture. Sababa wahiitin fincila kaasuun akka barbaachisu waliigalame. Halkan sa'aatii 7:30-tti eegdoon Jawaar akka jijjiiramu bilbilamuun dhagayame. Taateen sun ammoo haala miidhagaan waraabamee yoosuma qilleensatti gadhiifame. Kun martuu tasa ta'ee?
Dubbii kana ija biraatin haa laallu. Jawaar pirezedantii Oromiyaa faana hiriyaa dha. Jeneraal Biraanuu, Koomishinar Malaakuu, Koomishinar Kaffaaloo fi Koomishinar Dammallaash faanas sirriitti wal beeka. Gaafa halkan rakkoon isa mudatu maaliif jaratti bilbilee deggarsa hin gaafatin? Ummata homaa harkaa hin qabne Adaamaa fi sabbata irraa yaamuu moo Jeneraal Biraanuu Finfinnee jiru humna gaafatuutu dhiyaata? Jeneraal Biraanuun gaafa Asaamminoon nama fixe halkan Jawaar baraaruuf humna erguu ni beeka. Ammoo otoo haala qabatamaa beekuu Roobii ganama maaliif dubbii qabbaneessuu dide? Yoo ganama dadhabe maaliif galagala ibsa kennee badii guyyaa Kamisaa hambisuu dhabe?
An bilisummaaf malee gabrummaaf hin qabsoofne. Kaleessa qawwee dura dhaabbadheen mirga ummataaf dubbadhe. Warri na hin beekne arrabsoon afaan na qabuu yaadu. Waan hin taane! Namuu haa beeku!
Taphaaf wareega hin baafne. Haga naaf galetti Oromoo roorroo fi gadadoo jalaa baasufin gatii baase. Roorroon ammoo firaa fi alagaa hin qabu. Oromoon ani jiruu koo isaaf dhabe, Oromoon ani isaaf dararame, Oromoon dhiiga fi lafee ilmaan isaa wareegee as gahe yeroo hin malletti waan hin malleef dhiigi isaa bilaasha jiguun hin taatu! Itti gaafatamni jiraatuu qaba. Lubbuu bade, qaama miidhamee fi qabeenya badeef gaafatamaan Jawaari. Lubbuun 67 fi madoon qaamaa 281 abbaa argatuu qaba. Nami tokkummaa Oromoo wareegama meeqaan ijaarame guyyaa tokkotti diige eenyu?Kana amanuun namoota danuu dhibuu mala. Boru namaaf gala!
Kun ejjannoo kooti. Paartiis mootummaas hin laallatu! Abbaa maraate ammoo bullee hubatuun keenya hin oolu
-
DefendTheTruth
- Senior Member
- Posts: 12895
- Joined: 08 Mar 2014, 16:32
A Hero is being born while we speak, Ethiopia will resurrect!
-
DefendTheTruth
- Senior Member
- Posts: 12895
- Joined: 08 Mar 2014, 16:32
Re: A Hero is being born while we speak, Ethiopia will resurrect!
"Truth and pregenancy become visible with time. Falsehood and a pack you take for a journey will get finished with time. These both are Oromo proverbs. Oromoness is an action not just mere word(s). A minute truth will demolish a huge mountain of falsehood. Wait for my evidence until tomorrow...."Mammaaksa
Dhugaa fi ulfi bulee muldhata. Galaa fi kijibi ammoo bulee dhumata. Lachuu Oromootu mammaake. Oromummaan ammoo gocha malee jecha miti! Dhugaa xinnootu tuulaa kijibaa diiga! Borutti ragaa waliin...
Eegaa!
Obbo Taye Danda'a of ODP.
https://www.facebook.com/permalink.php? ... __tn__=K-R
Re: A Hero is being born while we speak, Ethiopia will resurrect!
Let Taye, the cows herder cowardice phack you!!!