"Tapha Siyaasaa... 3
Qoreen abbaa dhaabe waraana! Mammaaksa Oromooti! Gidiraan maree booda abbuma galaafata jechuufi!
Kaleessa gumaa baasuuf akka qabsooftu ifaan himatte! Ummata nagayaa fi jaalalaan waliin jiraataa ture jidduutti sabummaa fi amantiin shakkii dhalchite! Abidda hamaa lafa nagayaatti qabsiifte! Gaafa abiddichi laboobu ammoo qaama biraa komatuutti kaate! Yakka ofii raawwatte nama biraatti maxxansuu duraan baratte! Garuu amma yeroon dhugaa dhiyaatte!
Bara dheeraaf diraamadhaan Oromoo harkaa horii funaante! Amma garuu yeroon sun tarte. Diraamaa tolchanii deggarsa Oromoo shamatuun hafte. Namuu ajandaa kee barate! "Habashaa fi Minilik" gabayaa keeti! Gaafa deggarsi Oromoo sirraa laafe ganama kaatee "Habashaa fi Minilik" jettee arrabsoo gadhiisuun kaampii gamaa dallansiifta! Durriyyees bittee of arrabsiifta! Gaafa dubbiin oo'ite horii funaansa seenta! Akkasiin miira sabaa kakaasaa fayyaalessa elmatta!
Icitiin gaafa dhiyoo Ameerikaatti raawwate reefu bahe. Arrabsoo fi mormii akka feetu ofii himatte! Mee maaliif daandii nagayaa dhiiftee "Karaa Habashaan jirtu na hoofaa" jette? Mormii jaraatu tumsa siif bita!
Hardhas waanuma baratte raawwatte! Dura alaabaa sababeeffattee jeeqama uumte.
Jeeqama uumames fayyadamuu feete! Kaayoon paartii keef deggarsa shamatuu dha! Saniif durriyyee bittee waajjira tumsiifte! Amma tana qabattee ykn qabsiiftee gabaatti baata! "Habashaan nu jibbite, sochii keenya sodaatte, ijji isii diimate.. kanaaf waajjira keenya rukutte.." jettee TV keetiin xiinxalta ykn xiinxalchiifta! Tun amma hin taatu! Diraamaan akkasii hin hojjatu! Dubbiin seera fi sirnaan qofa haa deemtu. Sanaa achi gaafii jalaa hin baatu! Barana qoreen abbuma dhaabe waraanuu hin ooltu!"
"Political Game ... No. 3
A thorn will prickle (harm) the owner (the one who planted it) himself. A plot will hurt the conspirer himself, at the end. ......"
Taye has got something to tell here!
Unfortunately there is not yet a gooogle translate for Afaan Oromo, pay someone to help you understand the content, it is interesting...
Credit should be given where it is due. I think this guy deserved a credit for standing for the truth.
I came across his facebook post first when I read his use of the Oromo proverb which goes like the following:
"truth and pregnancy reveals itself with time",
"falsehood and pack of meal you take along (sinq) will disappear with time".
https://www.facebook.com/search/top/?q= ... SEARCH_BOX