Jawar Mohammad: Du'a Dargaggéssa Oromô Salàletti Du'éf Itti Gàfatamàn Motummà dha!
Posted: 23 Nov 2024, 17:13
Jawar Mohammad: Du'a Dargaggéssa Oromô Salàletti Du'éf Itti Gàfatamàn Motummà dha!
Ajjéchàn sükanneésàn Salàletti gurbà qacalé irratti ràwatame garà nama guba. Dallansün gochi kun ummata késsatti ümé fi mormīn barattônni tàsisanis haqa qabéssa. Ajjéchan gurbà kanàtīf kan dallanamé bôyame wàn gochi sun ragà vīdiyôtiin mul’atéfi. Kan ragà maletti galàfatamu Rabbumatu béka. Guyyà guyyàn lammīlé dhibbàtamatu kallattī biyyattī garagaràtiin ajjéfamaa ôla. Obbolàn gara gara goranii dirré warànàtti walgalàfatan, kannén mana hidhà bàfamanii ajjéfaman, qonnàn bulà qu’é isàtti rukutamu, dargaggéssa balà lolà fi bélà dhéfa osô baqàf démü galàna diimatti dhidhimu éntu lakkàya.
Dhumàtī ilmàn biyya kana maràf sababni ijôn walwarànsa biyyattī gôlà jirudha. Walwarànsi nànnolé garagarà unkurà jiran kun akka dhôyanīfi ammas itti fufanīf ammô adda durén kan itti gàfatamu murna àngorra jirudha. Rakkô siyàsa biyyattī karà siyàsàtiin furü didütu walwarànsatti nu gésse. Walwarànsa biyyattii kallatti maràn gôlà jirutu lubbün lammiilé harka humnôta garagaràn akka gàga’amu hàla mijésse.
Gàfuma dura jijjiramni dhufu balàn kun dhufü akka malu sodàchün hanqisüf waywànne. Carrà argame fayyadamün, marī fi walīgalté qàmota siyàsà biyyatti jiddütti tàsifamuun, siyàsa biyyattī tasgabbéssün barbàchisà akka ta’e amansīsü yàlle. Cehumsi karôra walô (roadmap) masakamü qaba gafa jennu, débiin “marīn homàtü hin barbàchisu anatu isin césisa” kan jedhu ta’e. “Siyàsni shiràn malé marīn hin geggéffamu” jechün gowwà fakkéssanī nutti qôsan. Môrà siyàsa Oromô wal tàsifna gàfa jenné carràqnu, ango nurrà fudhachü heddu jedhani güza nutti yammatan. Ilalchi farra sabota midiya motumma akka dhünfatu tasisan. Murna Tigray kan angorra büfame baqate ararsine siyasa jiddü galatti debisü wayya jennan, humnan caccabsine jilbiffachifna jedhan.
Waligalatti sirna dimokratawa danta fi mirga ummatota hunda tiksü mari fi waligalten jara wayya jennan, sirna abba irre olantumma namtokke ijarü filachün dandi siyasa dhiphisan. Mari manna hidha fi ajjechatti gadi ta’an. Kan ango harka baten rifate kaàse hanga kan dhiga fi lafe isatin jijiirama fide angotti isan basetti dinomsün qawwe kasisan. Bu’an dandi isan filatanis lamsha’ü sirna motumma fi kufatii dinagde amma agarru kana fide. Akka dhadatan sirna abba irre warra isan morman mara burkutesse, lammile cufa harka kennachise to’achüf dandessisu ümün hafe, lafa fi ummati ( population and territory) to’anno motumma jala jiru guyya guyyan suntüra deme.
Jalqaba dogongorün wan tokko. Hawwii danga dabre fi hanqina müxannotu dogongora sanif saxile jechün ni danda’ama ta’a. Dogongora jalqabarra barachü dadhabün dandima badi kalessarra dününfatani demün garü maratumma dha. Dhabbachü lola Tigray boda carra ümame fayyadamün biyyatti dandi araratti debisü manna, afanin nagaya lallaba gochan lola xichütti cichan. Carraqqii ararà fi nagaya büsüf lammilen biyyatti fi motummonni biyyota ala tasisan, wan fudhatan fakkessün yero ittin bitatani humna jabeffachü yalan. Garü ammo, adaduma arara didanii waranatti dününfatani demanin, humni siyasa fi dinagge motumma daran laffata deme. Lamshayün humna kun ammo, murni angorra jiru akka hawwame warra isan lolan unkutessü dhisi casamman isatü akka harka bahu tasise.
Dülli yero yeron maqa “sera kabachisü” jedhün geggeffamu, ser-dhabdumma humnota motumma babal’ise. Kun ammo casan motumma nagenya lammile egü fi egsisüf fedhis humnas akka dhabu godhe. Ajechan, hidha fi samichi qamota motummàn raw’atamu, ari, xiqi fi abdi kutanna cimsün, ilalcha fi gocha ‘finxalessumma’ hammesse. Ilalchi fi gochi finxalessumma kun ammo kan warren sirnichan lolan qofa biratti calaqqisu oso hin tane, qamotuma mootummaa irraas kan mul’atuudha. Gochoota suukkanneessaa akka nama qaluufi osoo lubbuun jiru ibiddaan gubuu, kana biras dabree suur-sagaleen waraabanii facaasuun, wanta qaamonni mootummaas, kan riphee lolaa garagaraas raaw’atan ta’uun kanaaf ragaadha.
Murnoota finxaaleyyii bakkoota garagaraatti ummata shoororkeessan ofirraa ittiisuun sirrii ta’us, humna qabnu hunda isaanirratti qisaasuun, rakkoo jiru hiddaan furuuf nun dandeessisu. Murnoonni kun goda garagaraatti akka uumamanif haala kan mijeesse murtiifi kallattii siyaasaa murni angoo harkaa qabu filate ta’uu irraanfachuu hin qabnu. Inumaatuu, murnoota kana garii sammuufi meeshaas hidhachiise kan bobbaase qaamota mootummaa akka ta’an waan ifatti ittiin of jajaa turaniidha.
Kanaafuu, ajjeechaa lammiilee dhaabsisuuf, hiyyummaa hammataa jiru irraa dandamachuufis, dabrees kufaatii biyyoolessaa guyya guyyaan itti deemaa jirrurraa baraaramuuf, gaafuma gocha suukanneessaa agarru qofa dallanuu osoo hin taane, walwaraansi hundi marii siyaasaatiin akka dhaabbatu yaalurratti fuulleffachuu feesisa. Walwaraansa dhaabsisuuf ammoo dirqama guddaa kan qabuufi gufuu guddaas ta’ee kan jiru murna angorra jiru waan ta’eef, adda durummaan dhiibbaan kan irratti taasifamuu qabus qaama kana.
Abbootiin irree gaaga’ama siyaasaas ta’ee kufaatii diinaggee dogongora isaaniitin umameef itti gaafatamummaa jalaa miliquuf, ummata jidduutti walqoccola dalgaa ( horizontal confrontation) uumuu akka tarsiimotti fayyadamu. Ummanni balaa waloon itti dhufe jalaa of baraaruu yoo barbaade, qoccola dalgaan jirtu obsaafi gorsaan irra dabraa, madda rakkoo hiddaan furuu irratti fuulleffachuu qaba. Haaluma kanaan mormii bifa kamiin godhamurratti, gochoota suukanneessaan miira keessa galanii garee hawaasaa kamittuu bu’uun, dhumaatii lammiilee dhaabsisuu mannaa, murnoota finxaaleyyiifi abbootii irree humneessa. Kanaafuu gochaafi jecha sabummaas ta’ee garee hawaasaa kamuu tuqurraa of qusachuun, kallattiidhaan madda rakkoo irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.