Page 1 of 1

It seems OLF is doing the things it did always and is best at it: Division

Posted: 26 Jul 2020, 06:05
by DefendTheTruth
If the story in the social media is anything to go about with, then this entity is doing it one more time and it excels itself in that kind of business, it is the best of all the political breeds in the field in this regard.

"Hubachiisa

Walga’ii atattamaa kan MGS qabna jechuun qaamni waame jira Kan jedhamu Odeessa dhaga’aa jirra. Ummatni Oromoo akka hubatuuf walga’iin atattamaa Kan hogganni walga’ii waamuuf aangoo seeraa qabu waamame kan hin jirree ta’uu asumaan isiin hubachiifna.

ABO

Injifannoon ummata Oromoof!

Adeeleessa 26/2020"
Please wait, video is loading...

Re: It seems OLF is doing the things it did always and is best at it: Division

Posted: 26 Jul 2020, 06:12
by free-tembien
:lol:


Re: It seems OLF is doing the things it did always and is best at it: Division

Posted: 26 Jul 2020, 06:17
by DefendTheTruth
Oromo Liberation Front in the Diaspora released a statement in the name of OLF.

My limitted knowledge about the organisation has been that its top leadership has been in the country for over 2 years now, and if a position statement like the following is issued from a branch office in the diaspora, bypassing the head-office, then there is no more a myth that the organisation has been divided one more time.

"Qabsoo Ummata Oromoo fi Jaarmiyaa Hangafa Qabsoo Kan t’e ABO Shira Nafxanyaa Irraa Tiksuun Dirqama Oromoo Hundaati.
Ibsa Gabaabaa Hoganoota ABO Biyya Ambaa

====================================

Haalli siyaasaa fi nageenyi Oromiyaas ta’e waliigala Ethiopia keessa deemaa jiru,jireenya sabootaafis ta’e ummata Oromoof yaaddessaa erga ta’ee bubbuleera. Yeroo ammaa kanatti Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf jecha karoorfatamee shirri xaxamaa jiruu fi gagga’amni lubbuus ta’e qabeenya ummata Oromoo irra gahaa jiru daangaa dhabee jira. Wareegamuu artst keenya qaalii Hacaaluu Hundeessaan as loltooti mootumma Oromiyaa walii gala keessa bobba’uun maqaa ABO tiin ummata Oromoo hidhuu fi ajjeessuu akkasumas reebichaan qama miidhuu,qabeenya saamuu fi mancaasuu hojii guyyuu godhatanii itti jiru.
Haalli kun yaaddessaa ta’uu ABOn irra deddeebi’ee ibsee jira. Ammatti nageenyi jaarmiyaa ABO fi KFO rakkoo guddaa keessa galee jiraachuu wanneen mirkaneessan akka armaan gadii kanatti ibsina.
1. Manni jireenya HD ABO Jaal Daawud Ibsaa human waraana mootummaa fi tikaan marfamee jira. Toorri bilbila HD biyya keessaa jalaa cite jira.
2. Waajjira Gullallee jiru konkolaataa mootummaan seenanii bahaa jiraachuutu muldhata,naannichas marsanii tohachaa jiraachuutu himama.
3. Maddeeen qabatamaa irraa akka dhagahamutti mediyaaleen motummaa booru waajjira Gullalleetti akka argaman qajeelchi kennamee jira.
4. Miseensotiin ABO nagaan bahanii galuu ykn sosso’anii hojjechuu hin dandeenye.
5. Waajjirooti ABO Oromiyaa mara keessa jiran caccabanii saamamanii qondaalotii fi dabballoonni godinoota irra jiran hidhamanii jiran.
6.Waajjiri ABO naannoo addaa Finfinnee keessa jiran samamanii jiran
7. Waajjira ABO guddaan kan Gullallee jiru sakata’amuu fi miseensootiin achi keessa jiranis qabamanii hidhamuun itti fufee jira.
9. Mootummaan miseensota ABO fi KFO harca’oo dha jedhee yaadu maallaqaan bituu fi dantaan goyyomsuun akka isaan ABO irratti shiraa yaadanii dantaa Oromoo nafxanyaa jala galchaniif shira hammana hin ja’amne xaxaa jira.
10.Hayyootii fi abbootiin qabeenyaa Oromoo ta’an maqaa ABO deggertuun Oromiyaa bakka mara keessaa funaanamanii hidhamaa jiru.
11. Caasaa mootummaa fi human Poolisii ykn waraana keessaa miseensota ABO ti jedhamanii kanneen shakkaman mana hidhaatti guuramaa jiru, kaan ammo hojii irraa arihamaa jiru.

Walumaa galatti haalli QBO, ummanni keenya, ABO fi KFOn keessa jiran kun, haala ifatti deemaa jiruu fi guyya guyyaan shira keessaan qabsoo Oromoo irratti xaxamaa jiru ta’uu ummanni keenya hubatee dantaa Oromoo tiksuu fi tokkummaa qabsaawotaa eeggachuu irratti akka fuulleffatuu waamicha goona. Qaama kamuu kan hiree Oromoo duubatti deebisuu fi eenyummaa Oromoo cabsee sirna gabroonfataa Oromiyaa irratti diriirsuuf gamaa jiru sabi keenya Oromoon biyya alaa fi keessa jirtan wareega fedhe baaftanii akka dura dhaabbataa abdii guddaa namaa kenna waan ta’eef tokkummaan keessan jabaatee qabsoo Oromoo akka kunuunfattan,dhaaba keessan ABO fi KFOs akka tikfattan waamicha isinii goona.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adoolessa 25, 2020"
Please wait, video is loading...

Re: It seems OLF is doing the things it did always and is best at it: Division

Posted: 26 Jul 2020, 07:33
by DefendTheTruth
Please wait, video is loading...

Re: It seems OLF is doing the things it did always and is best at it: Division

Posted: 26 Jul 2020, 07:51
by DefendTheTruth
Please wait, video is loading...
When I share this link, I don't mean that the content is true in my view, but just to show how desperate it is getting for those who are presenting such views on the public forum.