Page 1 of 1
Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 01 May 2020, 15:57
by DefendTheTruth
It is possible that the account may belong to some fake character, else I couldn't have imagined for a while that the man could tumble himself so fast and so hard to the bottom ground.
# DUBBIIN IFA TA'EE JIRA #
Qabsoon butameera; mirga qabna jennee tikfannu of harkaa hin qabnu; reeffa ilmaan keenyaa lakkaawuu , ebelufaa hidhamaniiruu jennee gabaasnee fixuu sadarkaa dandeenyu irra hin jirru. Mana keenyatti nutti roorrifamaa jira. Maatii keenya tikfachuu, du'aa fi reebicha irraa oolfachuu hin dandeenye.
Qabeenyi keenya saamamuu irraa hin oolle. Tuffatamuun keenya hin hafne. Qe'ee keenyatti orma taanee jirra. Obsi keenya sodaa fakkaateera, dhugaadhasi. Ijoolleen hiyyeessaa nuti mirga isaaniif falminuuf kaayyoo ormaa bakkaan gahuuf gara jabinaan saba ofiirratti bobba'anii jiru. Haalli nuti keessa jirru isa gaafa qabsoo Diddaa Gabrummaa jalqabneetiin gadi tahee jira.
Kun itti fufuu hin qabu. Yoo itti fufe, hanga har'a geenyu bor gahuu akka hin dandeenye beekuu qabna. Oromoon haalli akka kanatti akka itti fufamu barbaadu jira jennee hin amannu. Kanaaf, qabsoo haala keessa jirruun wal gitu atattamaan eegaluun barbaachisaadha. Dursa namuu waan isarraa eegamu beekuu fi qooda ofii bahuu barbaachisa. Haaluma kanaan:
1. Yeroo ammaa kana sabboontotaa fi sabboonummaa Oromoo cabsanii daangaa Oromiyaa diiganii sirna Nafxanyaa deebisanii ijaaruuf duulli kallattii hundaan jalqabamuu isaa Oromoo marti hubachuu qaba.
2. Oolee haabulu malee Oromoonni Bilxiginnaa keessa jiran kanneen olaantummaa Nafxanyaa fudhachuuf qophii hin taane, haleellaan kan isaanii hin oolle tahuu beekanii yeroodhaan uummata isaanii araarfatanii qabsoo isaa bira dhaabbachuun barbaachisaadha.
3. Ajajoonni fi qondaaltonni Humna Addaa Oromiyaa fi Poolisiin Oromiyaa warri amma ajaja kennuudhaan saba ofii ajjeesisaa fi dararsiisaa jirtan, ergama keessan eega xumurattaniin booda ormi akka isinumatti deebi'u tasuma dagachuu hin qabdan. Kanaaf, yeroodhaan qalbii keessanitti deebi'aatii saba keessan bira dhaabbadhaa.
4. Miseensonni Poolisii fi Humna Addaa Oromiyaas ergamtoota ormaarraa ajaja fudhattanii saba miidhamaa keessaa baatanii fi deebitanii bor keessa jiraattan dararuu fi ajjeesuu akka dhaabdan.
5. Qeerroo fi Qarreen Oromoo bakka hundatti argamtu akkuma kaleessa mirga sabakeetiif wareegama qaalii kaffalaa turte har'as duula sirna dulloomaa deebisanii sitti fe'uuf gaggeeffamaa jiru jala dhaabbachuuf muuxannoo qabsoo karaa nagaa armaan dura kuufattetti fayyadamtee qolachuuf qophaa'i.
6. Dargaggoonni Oromoo qaama kamiinuu seeraan ala yoo waamaman, yoo rukutaman, yoo salphifaman akka aadaa Oromootti itti birmachuun, irraa buusuun, wajjiin aarsaa kafaluun barbaachisaadha. Salphinni tokkoo salphina hundaati.
7. Qotee bulaan bakka kamittiyyuu argamu humna nageenyaa naannoo isaa qubatee jiruuf qallaba akka safaru yoo gaafatame tasuma kennuu hin qabu.
8. Hojjettoonni mootummaa fi beektonni naannoo jiraattanitti dhiittaa mirga namoomaa, ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa humnoota adda addaan gaggeeffamu suuraan, sagaleedhaan, suur-sagaleedhaan, barreeffamaan ragaa qabattanii gabaasuudhaan qooda keessan akka baatan.
9. Dhaabbileen amantaa fi ogeeyyiin fayyaa baraiisa amantii fi ogummaa keessanitti cichuudhaan ragaalee namoota du'anii fi balaan irra gahee gara keessan dhufee sirnaan akka qabattan.
10. Abbootii Gadaa fi Jaarsoliin Biyyaa dhiibbaa qaama kamiifiyyuu osoo hin jilbeenfatin dhugaadhaa fi qajeelummaadhaan kan dogoggore gorsitanii, kan dabe qajeelchuudhaan saba keessan tiksuudhaan imaana keessan akka eegdan isin yaadachiifna.
Barri jal'inaa ni raawwata!
Horaa Bulaa !
;
https://www.facebook.com/search/top/?q= ... SEARCH_BOX
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 01 May 2020, 16:37
by Sam Ebalalehu
DTT, when you post such a reading, translating the gist of what he is saying would be helpful to people who only read English and Amharic. Regarding Bekele, I lost any hope of his being a “salvageable” politician, when I read his disapproval of marriage between Oromos and any other ethnic group of Ethiopia. I followed the political fortunes of ethnic politicians in Ethiopia. Never did I read anyone of them opposing marriage between Ethiopians of different ethnic groups at least publicly.
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 01 May 2020, 17:39
by DefendTheTruth
Sam Eblalehu,
if it is indeed his account, then the man has totally lost his mind, I guess but pretty sure.
He has listed 10 points and all of them are about agitating the people of different sections to stand up against the government, which he compared to the previous one and said is worse (EHADIG 2 is worse than EHADIG 1). He claims the condition "his people" are founding themselves currently in is worse than when he claimed to have started the so called "Fincila Diddaa Gabrummaa" (Uprise/Revolt against Slavery), what ever that may mean.
1. A campaign on many fronts to break Oromo nationalism, violate its boundaries in an attempt to reinstate the neftegna rule again in Oromia is being waged on all fronts, so all Oromos should be aware of it and know it and stand up against it.
2. Calls on Oromos in the Prosperity party itself
3. calls on Oromos in the defense forces and security
4. Call made to the police forces
5. Call made to the Youth (qeerroo and Qarree, which means unmarried men and women respectively).
6. About protecting any member of the youth, if any measures are taken against them, collectively.
7. Farmers shouldn't give any support to any security force, which could be placed in its respective environs
8. Government employees and intellectuals should report about human right abuses, disseminate in photos, audios, videos and in writings.
9. Call on religious institutions and medical professionals to keep evidences of abuses ....
10. Abbaa Gadaa (gadaa fathers) shouldn't cooperate with the government
these are the essence of the call of Obbo Bekele Gerba's alleged writing but I still am not convinced such things may come from him, even when i don't agree with many things he has been saying in public in the name of political activism in the past.
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 01 May 2020, 18:19
by Sam Ebalalehu
DTT, thanks to the translation. Unlike you, I read Bekele when I read the ten points. I have not doubted those points being penned by him.Circumstances compel politicians to evolve. Some choose to pivot, take a different take of politics. Ethnic politicians are different. Their politics stems from we versus them philosophy. They practically have no choice but to dig in further when circumstances seem grim to them. The future to ethnic politicians in Ethiopia smells no good. Bekele got it. He chose to dig in his belief further. That is what I expect of him doing. I am not surprised. It is the last effort in his part to remain relevant in Ethiopian politics before he descends to oblivion.
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 02 May 2020, 04:14
by DefendTheTruth
The PM was talking about "banda" while addressing some of the leaders of the political parties in the country and it could be not without a reason.
Jowahr mohammed is trying to agitate the police force for his "uprising" and said the current condition of the Oromo people is worse than the time, when his group waged war against the government of TPLF (essentially saying that he is missing the TPLF rule).
The PM indicated that the needed resources were raised from Egypt which was also repeated by Obbo Taye Dande'a of the Prospoerity Party.
Waamicha Oromummaa - Humna POOLISII OROMIYAAF! (Share godhaa miseensota hunda biraan gahaa)
Waggaa sadan tokko dura wayta qabsoon Oromoo finiintee diinaan kokkee wal qabaa turre san jaarmayaalee mootummaa keessaa qaamni dursee qabsoo Oromoof dirmate Poolisii Oromiyaa tahuu seenaan galmeessee jira. Gariin keessan saba keenyatti hin dhukaafnu jettanii aarsaa taatan. Gariin ni hidhamtan. Gariinis hojiirraa ariyamtan. Gariin sirnicha dhiiftanii ifatti qabsoo ummataatti dabalamtan. Aarsaa keessan boonsaan kun hundumtuu galmee seenaa keessatti cululuqee ifaa jiraata.
Seenaan Polisii Oromiyaa kun har'a hoo eessaa garamitti deemaa jira jedhaa of gaafadhaa. Har'a eega injifannoon Oromoo micciiramee harka Oromoo keessaa bahee as kaayyoon Poolisiin Oromiyaa leenjifamaa jiruuf Oromoo ittisuuf osoo hin taane ajjeesuuf, Oromummaa kunuunsuuf osoo hin taane diiguuf, Oromiyaa tiksuuf osoo hin taane salphisuu kan akeekkate tahuu haasaya warra gubbaa keessan jiruu irraa hubachaa jirra. Dhugaa dha, kaleessas bara Wayyaanee warri gubbaa keessan ture warra dhiiga Oromoo dhugee hin quufne ture. Isin garuu ergamtuu jaraa tahuu mannaa biddeenaa fi lubbuu keessanirratti murteessitanii gama sabaa gortan. Kan mataa keessan gubbaa jiru diinas haa tahuu fira, kaleessas haa tahu har'a, ejjennoo mataa keessanii hin jijjiirsifne, hin jijjiirsisus jennee abdanna.
Har'aa fi waggaa lama dura wanni adda godhu yoo jiraate waan tokko qofa. Waggaa lama dura diinni Oromoo guddichi Wayyaanee saba keenya waliin firooma tokkoyyuu hin qabne ture. Har'a ammoo qaamuma maqaa Oromoo himatu, gochaadhaan garuu olaantummaa sirna Nafxanyaa Oromoo irratti diriirsaa jiruu dha. ODPiin diigamee Bilxiginnaan dhalachuudhaan sirni Nafxanyummaa Oromoo irratti akka saaru murtaahe. Diina fagoo dhufee fi diina nu keessaa biqile kan adda baasu iddoo dhufiinsa isaa yoo tahe malee gochaan jaraa tokkuma. Inumaa isa ammaa kana wanni irra-hamaa godhus ni jira. Kaayyoo Nafxanyaa fannifatee Oromoon wal fakkaatee ummata qoqqoodaa jira. Oromoon akka lamatti miidhamaa jira. Warri halagaa ''taranyaa'' ittiin jedhanii maqaa baasu. Warri maqaa Oromootiin masaraa seene ammoo sirna Nafxanyaa boollaa baasee lubbuu itti horuudhaan ''taranyaan'' isaan akka tahu murteesseef. Har'a Itoophiyaa keessatti sagalee Oromooti moo kan warra Amaaraatu ''taranyaa'' fakkaata gaaffii jedhu isinumaafin dhiisa.
Poolisoota Oromiyaa !
injifannoon qabsoo Oromootiin waggaa lama dura argame harka keenyaa bahee jira. Oromoon ifatti haa bahu malee abbaan fedhe aangoo yoo qabate rakkoo hin qabnu jennee imaanaa gootota kumootaa dabarsinee OPDOtti kennine. Kana gochuun keenya akka dhaabotaa fi aktivistoota qabsoo irra turanitti bolola aangoo kan hin qabne tahuu keenya garsiisa ture. OPDO waggaa 27 guutuu diinaaf ergamtee Oromoo ficcisiisaa turtes yoo taate of bartee sabatti deebinaan araaramuuf garaan keenya akka ummataatti bal'aa ture. Kaayyoon qabsoo gooneef ofii aangoo qabachuuf osoo hin taane Oromoo ifatti baasuu qofa akka tahe ragaan kana caalu hin jiru. Fayyaalummaan keenya sun garuu gatii nu kafalchiise. injifannoo dhiiga gootota kumaan arganne harka keenya keessaa baasee alagaaf kenne.
Gaafa Abiy Haamad masaraa seenee qabee Oromoon waan qabsaayeef argachuu dhiisii kan duraan argatee tureyyuu dhabaa jira. Kaleessa yoo xiqqaate Oromummaan isaa kabajamaa ture. Har'a sabummaa fi tokkummaan Oromoo eeboo Bilxiginnaatiin waraanamee dhiigaa jira. Warra waggaa dhibbaa ol nu bitaa baheen ammas alphifamaa jira. Itoophiyummaa Oromoon karaa gaafii isaa deebisuun fudhatu osoo hin taane Itoophiyummaa Nafxanyootaa kaleessaatu humnaan mataa Oromoo irratti fe'amaa jira. Gandummaan akka jabaatee Oromummaa diiguu fi kanaanis aadaan waliif birmannaa Oromoo akka laafu karoorri baafamee hojjetamaa jira. Gaaffii ummata Oromoo keessaa wanti deebi'e hin jiru. Hoggana amma jiru kana jalatti deebi'uufis hin deemu.
Kan biraa hafnaan hogganoota OPDO kan kaleessa fuulduratti bahanii ''Kana booda goftaan keenya ummata Oromooti, gooftaa biraa hin qabnu'' jedhani eessa akka gahan gafadhaa. Waadaan sun akkam tahe jedhaa gaafadhaa.
Yaa Poolisoota Oromiyaa!
Ummanni Oromoo injifannoo isaa saamamee abadan manatti ol deebi'ee taa'uuf hin jiru. Qabsoo waggaa lama duraatti deebi'uun shakkii hin qabu. Kana jaalannee qofa osoo hin taane dhiiga gootota kumootaatu nu dirqa. Ekeraa isaaniitu irriba nu dhorka. Lafee isaaniitu nu waraana. Oromoon bara har'a akkasitti dammaqee fi teknooloojiinis tole dhiisii, bara hin dammaqne jedhamuu fi dukkana keessa ture sanuu roorrootti harka kennatee bulee hin beeku. Isinis as keessatti qooda Oromummaa keessanii bahuun seenaa gaarii qabdan tikfachuu malee karaan biraa ulfina isinitti horu hin jiru. Saba keessan waliin dhaabadhaa! Qawween baattan kun kan Oromoo ajjeesu osoo hin taane kan Oromoo irraa diina ajjeesu tahuu qaba. Kaleessa Wayyaaneen akkasitti salphaatti kufti jedhee kan yaade hin turre. Humni qabsoo ummataa garuu waan godhe agartaniittu. Warra har'a injifannoo Oromoo micciiree halagaaf kenne kanas kan hudha qabee afaaniinis tahu ''Gooftaan keenya Oromoo dha'' jechisiise qabsoodhuma sabichaa ti. Borus sabni kun dhiiga dabalata dhangalaasa taha malee ifatti bahuun isaa hin oolu. Gaafa sana garuu warri har'a maqaa sabichaatiin kakatee aangoo qabatee ka'ee deebisee gane gaafatama seenaa jalaa hin bahan.
Isin Poolisoonni Oromiyaa mindaa guyyaa lamallee qanansiiftee isin oolchuu hin dandeenyee jettanii saba keessan faallaa hin dhaabbatinaa. Oromoo ajjeesuuf isin bobbaasuu danda'u. Saba keessan tiksaa malee hin ajjeesinaa. Saba keessanitti aggaammattanii maqaas mataas hin dhabinaa. Ilmaan keessan boruuf maqaa badduu dhalchiftanii hin darbinaa. Musxafaa Hasan fakkeenya godhadhaa. Warra isin keessa dhaabatee sabatti garaa jabaatu agarraan bira hin dabrinaa, adabaa. Caasaa jirtan keessatti tokkummaa keessan jabeessaa. Kan isin fakkaatee isin basaasu of keessaa balleessaa. Siyaasaa biyyi keessan, keessattuu Oromoon itti deemaa jiru dammaqinsaan hordofaa. Kiyya hoo qoodni maali jedhaa ejjennoo sabni isinirraa eegu fudhadhaa. Guyyaan deebi'ee dheeratus Oromoon bilisummaa dhugaa argachuun abadan waanuma hin oolle!
Please wait, video is loading...
https://www.facebook.com/Jawarmoham/pos ... __tn__=K-R
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 02 May 2020, 14:45
by DefendTheTruth
The ever ambivalent political game of Jaanjoo Mohammad: liberation or democracy? that is for me (personal). Oromia or Ethiopia (Ethiopia out of Oromia). Political activism or politician (activism, no no better politician).
Peaceful struggle or riot, no peaceful, no, no, better rioting!
We want to remove Ethiopia out of Oromia and now finally head-on with Lidetu Ayalew, an staunch supporter of unity of the country, at least if he too is not a power ambitious political prostitute.
Which position did Jaanjoo Mohammed held ever since he came to the political scene consistently? If someone may tell me one, then I will take my comments back and then consider myself loser.
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 03 May 2020, 08:03
by DefendTheTruth
Bekele Gerba must have listened to these guys and take a nap and see where he has ended in a short time span.
Can someone enlighten me anything that Bekele has contributed to the discourse of oromo political movement, in the whole of his political life-span? He joined Merera Gudina's party and left one of his legs in the same old olf and tried to conceal his true color for the whole of his political activism. Later he went to Mekele and tried to solicit help from the same people that peed on him, shamelessly.
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 08 May 2020, 16:20
by DefendTheTruth
Sam Ebalalehu wrote: ↑01 May 2020, 16:37
DTT, when you post such a reading, translating the gist of what he is saying would be helpful to people who only read English and Amharic. Regarding Bekele, I lost any hope of his being a “salvageable” politician, when I read his disapproval of marriage between Oromos and any other ethnic group of Ethiopia. I followed the political fortunes of ethnic politicians in Ethiopia. Never did I read anyone of them opposing marriage between Ethiopians of different ethnic groups at least publicly.
Sam Ebalalehu,
the guy is translating it now on a media (but of course here with much paraphrasing and righteousness) and you can see how he is a childish actor.
There is no Neftegna today, as far as we can say with our consciousness, but he claimed the rise of Neftegna.
Re: Is Bekele Gerba's political life degenerating so fast to heat the bottom so hard in so short time?
Posted: 08 May 2020, 22:53
by banebris2013
DefendTheTruth wrote: ↑01 May 2020, 15:57
It is possible that the account may belong to some fake character, else I couldn't have imagined for a while that the man could tumble himself so fast and so hard to the bottom ground.
# DUBBIIN IFA TA'EE JIRA #
Qabsoon butameera; mirga qabna jennee tikfannu of harkaa hin qabnu; reeffa ilmaan keenyaa lakkaawuu , ebelufaa hidhamaniiruu jennee gabaasnee fixuu sadarkaa dandeenyu irra hin jirru. Mana keenyatti nutti roorrifamaa jira. Maatii keenya tikfachuu, du'aa fi reebicha irraa oolfachuu hin dandeenye.
Qabeenyi keenya saamamuu irraa hin oolle. Tuffatamuun keenya hin hafne. Qe'ee keenyatti orma taanee jirra. Obsi keenya sodaa fakkaateera, dhugaadhasi. Ijoolleen hiyyeessaa nuti mirga isaaniif falminuuf kaayyoo ormaa bakkaan gahuuf gara jabinaan saba ofiirratti bobba'anii jiru. Haalli nuti keessa jirru isa gaafa qabsoo Diddaa Gabrummaa jalqabneetiin gadi tahee jira.
Kun itti fufuu hin qabu. Yoo itti fufe, hanga har'a geenyu bor gahuu akka hin dandeenye beekuu qabna. Oromoon haalli akka kanatti akka itti fufamu barbaadu jira jennee hin amannu. Kanaaf, qabsoo haala keessa jirruun wal gitu atattamaan eegaluun barbaachisaadha. Dursa namuu waan isarraa eegamu beekuu fi qooda ofii bahuu barbaachisa. Haaluma kanaan:
1. Yeroo ammaa kana sabboontotaa fi sabboonummaa Oromoo cabsanii daangaa Oromiyaa diiganii sirna Nafxanyaa deebisanii ijaaruuf duulli kallattii hundaan jalqabamuu isaa Oromoo marti hubachuu qaba.
2. Oolee haabulu malee Oromoonni Bilxiginnaa keessa jiran kanneen olaantummaa Nafxanyaa fudhachuuf qophii hin taane, haleellaan kan isaanii hin oolle tahuu beekanii yeroodhaan uummata isaanii araarfatanii qabsoo isaa bira dhaabbachuun barbaachisaadha.
3. Ajajoonni fi qondaaltonni Humna Addaa Oromiyaa fi Poolisiin Oromiyaa warri amma ajaja kennuudhaan saba ofii ajjeesisaa fi dararsiisaa jirtan, ergama keessan eega xumurattaniin booda ormi akka isinumatti deebi'u tasuma dagachuu hin qabdan. Kanaaf, yeroodhaan qalbii keessanitti deebi'aatii saba keessan bira dhaabbadhaa.
4. Miseensonni Poolisii fi Humna Addaa Oromiyaas ergamtoota ormaarraa ajaja fudhattanii saba miidhamaa keessaa baatanii fi deebitanii bor keessa jiraattan dararuu fi ajjeesuu akka dhaabdan.
5. Qeerroo fi Qarreen Oromoo bakka hundatti argamtu akkuma kaleessa mirga sabakeetiif wareegama qaalii kaffalaa turte har'as duula sirna dulloomaa deebisanii sitti fe'uuf gaggeeffamaa jiru jala dhaabbachuuf muuxannoo qabsoo karaa nagaa armaan dura kuufattetti fayyadamtee qolachuuf qophaa'i.
6. Dargaggoonni Oromoo qaama kamiinuu seeraan ala yoo waamaman, yoo rukutaman, yoo salphifaman akka aadaa Oromootti itti birmachuun, irraa buusuun, wajjiin aarsaa kafaluun barbaachisaadha. Salphinni tokkoo salphina hundaati.
7. Qotee bulaan bakka kamittiyyuu argamu humna nageenyaa naannoo isaa qubatee jiruuf qallaba akka safaru yoo gaafatame tasuma kennuu hin qabu.
8. Hojjettoonni mootummaa fi beektonni naannoo jiraattanitti dhiittaa mirga namoomaa, ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa humnoota adda addaan gaggeeffamu suuraan, sagaleedhaan, suur-sagaleedhaan, barreeffamaan ragaa qabattanii gabaasuudhaan qooda keessan akka baatan.
9. Dhaabbileen amantaa fi ogeeyyiin fayyaa baraiisa amantii fi ogummaa keessanitti cichuudhaan ragaalee namoota du'anii fi balaan irra gahee gara keessan dhufee sirnaan akka qabattan.
10. Abbootii Gadaa fi Jaarsoliin Biyyaa dhiibbaa qaama kamiifiyyuu osoo hin jilbeenfatin dhugaadhaa fi qajeelummaadhaan kan dogoggore gorsitanii, kan dabe qajeelchuudhaan saba keessan tiksuudhaan imaana keessan akka eegdan isin yaadachiifna.
Barri jal'inaa ni raawwata!
Horaa Bulaa !
;
https://www.facebook.com/search/top/?q= ... SEARCH_BOX
The simplest thing to do is character assassination of those who are doing something for something they believe in, Bekele and Jawar stood for what they believe in and achieved something to a certain degree. You also stood for what you believe in, namely tearing down others under the cover of defending the truth.Not sure how much you have achieved other than the feeling inner satisfaction. If it were for people like you there was no such a thing oromo, oromia and qubee. Obviously it is clear the current political environment has given you confidence to the extent that you loose objectivity and reasoning.
One thing you should not forget is the future oromo is beyond you, Bekele, Abiy, or Duad. There is up coming generation that is relatively well informed/good access to information, relatively conscious and mentally liberated. The future of ethiopia/oromia is in the hands of this generation.
I hope you remember Meles the invincible or you can add Menge if you are a bit older. Most of as never learn from the past and will continue to repeat the same thing again and again with same outcome again. So what you are doing is nothing new as there were plenty of people who were expert in character assassination in the past. You are just one of them happen to be in the present.