
-
DefendTheTruth
- Senior Member
- Posts: 12895
- Joined: 08 Mar 2014, 16:32
Re: መጥረጊያ
You loser! I said before that the moment you lost, you then run out of argument.
Come and argue, if you can, else you do yourself a better service if you can lose in grace.
Kebt!
Come and argue, if you can, else you do yourself a better service if you can lose in grace.
Kebt!
-
free-tembien
- Member
- Posts: 1702
- Joined: 02 Jul 2015, 20:56
Re: መጥረጊያ
we know why agame masud is angry 


-
DefendTheTruth
- Senior Member
- Posts: 12895
- Joined: 08 Mar 2014, 16:32
Re: መጥረጊያ
"Giraazmaach Girrisaan
Maal Jedhe?
Girrisaan hin jijjiiramtu. Jijjiiramas hin agartu. Kanaaf bilisummaan iyyitee hin bilisoomne jetti. Akka lakkoofsa girrisaatti barri 1920 fi barri 2020 jidduu addoomni hin jiru. Barayyuu akkuma tokko yaaddi. Komaander Girrisaan amala waraana isaa kana waan sirriitti hubate hin fakkaatu. Bara 1992 fi bara 2020 jidduu addoomni jiraatuu itti hima! Maaltu dhagaya?
Giraazmaach Girrisaan daangaa aangoo isaas hin beeku. Waanuma fedhe seenee borca. Gurmuu gumaa baas keessa taa'ee shaneef abukaatoo dhaabbata. Sun haa ta'u. Lachuu fagoo wal irraa hin jiran. Kan nama dhibu ajajaa Poolisii of fakkeessuu isaati. Ittisaa fi qorannoo yakkaa irratti FBn leenjii kennuu barbaada. "Akkasii fi akkana godhaa! Akkas ammoo hin godhinaa" jedha. Maal jechuu dha? Ogummaa poolisummaa yoom eessatti barate? Kan barate moo kan fagoo irraa dhagayetu irra beeka? Otoo beekeeyyuu aangoo kamiin poolisii Oromiyaaf qajeelfama dabarsa? Poolisiin caasaa fi ajaja mataa ofii akka qabu hin beekuu? Namni madooshaa qabu waa hunda mismaara seya. Giraazmaach girrisaanis nama cufa girrisaa seya.
Poolisiin Oromiyaa girrisaa miti. Ganama yaasanii galgala galchuuf hin mijatu! Hojii fi gaafatama ofii tolchee beeka. Yakka ittisuu fi qoratuun nagaya, bilisummaa fi kabaja ummataa tiksuutu dirqama isaati. Kana raawwatuuf ammoo caasaa ajajaa beekamaa fi ifaa qaba. Gorsa Giraazmaach Girrisaa hin barbaadu! Yaa Giraazmaach Girrisaa, Poolisii Oromiyaa, gaachana ummataa gorsuu fi girrisaa karaatti kitaaba gubsiisuu ykn karaa cufsiisuun wal hin miilu! Poolisii Oromiyaa faana yoomirraa firoomte? Komaander Tarreechaa Kaasaa, kan dheengadda abbaan torbee akka ajjeesuuf eeruu kennite sun miseensa poolisii Oromiyaa ta'uu hin beektuu? Yakka qoratuun hojii isaa ta'uu poolisii Oromiyaatti himuu hin barbaachisu. Lubbuun namoota 97, kan sababa diraamaa marfamuutiin baddes sun amma haqa eeggataa jirti!
Falfalli tan ofii dhiiftee tan ormaa raagdi jedhan. Billaachis tan ofiifuu hin qabne dhagaa uwwifti!"


