Unfortunately for the cause of the Oromo people this evil spirited creature has currently divided the people into many different factions, in collaboration with the number of inept so called Oromo political organisations.
Like he used to in the past, he posted once again the following message with a graphic content to nurture his evil ambition of grabing the political power of the people but the road to that is as far away as it has ever been for him.
"
I left out the graphic image here, I am human after all.Warri Dirree Dhawaa maaloo gurbaan akkanatti dararan kun eenyu akka tahe adda nuuf baasaa.
Then after Obbo Taye Danda'a issued the following stern warning and essentially told Jawar is to be held accountable according to the rule of law of the land, saying the following:
The shameless turned around and retracted his post claiming the following:Siyaasa Shiraa
Rakkoon biyya kanaa siyaasa shiraati. Jawaar Mahaammad hardha viidiyoo argaaf nama sururu tokko maxxanse. Waan baayyee garaa nama nyaatu. Adiis ta'ee gurraacha, Oromoos haa ta'u Amaara, dhala namaa bifa akkas sururaa kanaan dararuun yakka farra namoomaa hamaa dha. Itti gaafatamummaan seeraa jiraatuun ammoo dirqama!
Garuu eenyutu yakka kana raawwate? Ijoon dubbii nama yakkicha raawwatee fi raawwachiise adda baasuun seeraaf dhiyeessu dha. Viidiyoon mucaa dararamu malee namoota yakka raawwatan hin agarsiisu. Maaliif yakkamaa dhoksuun barbaachise? Itti yaadamee waan qindeeffameefi. Silaa shiraan qindaayuu baater namoota yakka raawwatan saaxiluun olaantummaa seeraaf tumsu ture. Garuu san dhiisanii nama dararame agarsiisanii ummata aarsuutu filatame. Abbaa qabatamaan mucaa darare dhoksaa Amaarri Oromoo darare jechuun shira siyaasa ti.
Dubbiin akka diraamaa ofumaanuu beekama! Cinqii fi ergarama namaatiin siyaasi hojjatama. Abbaan diraamichaa ammoo Jawaar mataa isaati! Kaayoon dubbii kanaa ifa. Tokko ajandaa geeddaruu dha. Duulli siyaasa gumaa fi diqaalaa fashaleera. Dhaadannoo "Jirtuu fi jirraas" bushaayee jira. Siyaasi eegdota kaasuus bishaan hin kaafne. Kanaafuu ajandaa haarawa miira Oromoo kakaasu fiduu barbaachisa. Lammati jijjiirama Itoophiyaan gama dimokiraasii gootu
xureessu dha. Hooggantooti addunyaa danuun Finfinnee jiru. Martuu cehumsa Itoophiyaaf bakka guddaa kennan. Kun fudhatama Itoophiyaa dabala. Kana xureessuuf waan akka malee fokkisu amma agarsiisuu barbaachisa. Sadi Itoophiyaa diigu dha. Dhiyoo tana barattooti Amaaraa Dambidoollootti butamuutu himame. Oromootu Amaara ukkaamse jedhamaa ture. Hardha ammoo poolisii Amaaraatu Dirre Dawaatti Oromoo darare jedhamee maxxanfame. Kun Oromoo fi Amaara wal nyaachisuufi. Ajandaa barattoota wal ajjeechisuu irraa itti fufe. Itoophiyaa diiguuf godhama. Viidiyoo tolchanii gadhiisuun hariiroon Itoophiyaa fi Oromoo akka hin geeddaramin xiinxaluun kanaafi!
Wayyaaneen ummata Hawuzeen karooraan ficcisiisee deggarsa ummata Tigraay fi addunyaa argate. Hardhas deggarsa Oromoo alaa keessaa shamatuuf muuxannoon Wayyaanee fudhatame. Karaan sun hardha hin baasu. Jawaar dheengadda diraamaa marfamuutiin lubbuu namoota 97 balleessise. Sun injifannoo Noobelii dhiiga dibuuf godhame. Hardha ammoo ajandaa geeddaruu fi ummata wal nyaachisuuf viidiyoo tolchisiisuun gadhiise. Mootummaan baayyee obse. Kana caalaa dhiiga fi gidiraa lammiileetiin nagaduun hin taatu. Itti gaafatamummaan dhufuu qaba. Akka kaleessaa lubbuu fi dhiiga namaatiin taphatanii GofundMe deemuun hin jiru. Kan yakka raawwates, kan raawwachiises qabamee seeraaf dhiyaata! Qorannoon jalqameera!
Mirga namoomaa! Olaantummaa seeraa!
Finally, his days are numbered. That is a good beginning to serve the cause of justice.Girbaan gidirfamaa videon maxxanfame sun Dirree Dhawaa osoo hin taane Asoosaatti jedhan. Warri beektan bakka inni jiruufi kara ittin qunnamujn danda’amu nuuf ergaa. Mana hidhaas yoo jiraate bakka kam akka tahe. Dhaabbilee mirga namoomaatu argachuu fedha
Justice can only be served fully, when those responsible also hold some of the Amhara extremists, who are giving Jawahr and his cohorts the pretext to instigate havoc in the country.
The government is coming back, declaring everything has got a limit, even its patience.