
Mootummaan naannoo oromiyaa waan kana usee bira kutuu hin qabu
"Namni Suuraa irratti argitan Kun #Badhaasaa Dhinsaa Jedhama. University Dabramaarqositti Barataa Muummee Kemistrii Waggaa Sadaffaati. Guyyaa Kaleessaa 1-06-2012 Buree irraa Ka'ee Gara Qe'ee isaa Godina Wallagga Bahatti Galuuf Buufata Konkolaataa Seenaa Osoo Jiruu Faannoo Naannoo Saniitin Qaama Isaa Cuubedhaan Diddiranii Kuffisan. Yaalif Gara Hospitaalaa Geeffamus Lubbuun Isaa Baraaramuu hin Dandeenye. Du'aan addunyaa kanarraa Godaanee jira. Waa'ee Ajjeechaa Barataa Badhaasaa Kana Miidiyaan Jaraa Waan takka Hin dubbanne. Inumaa Waajjirri Poolisii Naanichaa Nama Eenyummaan Isaa Hin beekamne jechuun gabaase. Barana Qofa Barnootaf Gara Naan.noo Amaaraa Barattoota Deeman Keessaa Barattootni Kudhan (10) Lubbuu isaanii dhabanii jiran. Barattootni Kun Cinaan isaanii Dhagaan Tumamanii, Cinaan ammoo Cuuben Waraanamaa, Kaan ammoo Gamoo irraa Darbamaniiti Kan Ajjeefaman.
Wanni nama Gaddisiisu Garuu Hanga ammaa Yakka kana warri Raawwate Tokkolleen Tohannaa jala oolanii Seeratti Dhihaachuu Dhabuu Isaati. Faallaa kanaa Barattootni Oromoo Funaanamanii University Garagaraa Keessaa Ari'amuu argine. Kan Ajjeefamu Keenya Kan Ari'amu Keenya. Maatii Fi Firoota Barataa Badhaasaa Rabbiin Obsa Isaanif haa kennu. Duuti Akka malee Garaa nama Balleesiti."